GURBAA JIA 11 IMALEE MIILAAN HAJJII DHAQE !!

Hajji 1439/2018

GURBAA JIA 11 IMALEE MIILAAN HAJJII DHAQE !!

haga dhumaatti dubbisaa please

Senaad hadiziik dhalataan boosniya senad jedhamu kiilo meetiroota 5,700 adeemsa tahu biyyoota torba qaxxaamuruun miila isaatin deemee naannoo qulqullittii addunyaa kanaa kan taate magaalaa makkaa seenun isaa ni yaadatama shaanxaa kiilo giraama 20 ulfaatu duugda isaatitti baadhate guyyaa 314 Bosniyaa,Sarbiyaa,Bulgaariyaa,Turkey,Sooriyaa,Jordaan, Qaxxaamuruudhan Ture kan inni saa’udii arabiyaa seene wal waraansa hamaa keessa kan jirtu sooriyaa keessa kiilo meetira 500 guyyaa 11f imalee jira magaalawwan sooriyaa lolli itti hammaate Aleeppo Fi damasqoo keessa darbee isayyuu iddoo wal waraansi hamaan bashaar al asaadi fi finciltootan itti gaggeeffamu keessa darbeeti shakkiidhan mana hidhaa si hin galchinee?? jedhamee yeroo gaafatamu deebii yeroo kennu akkas jedhe

👉”homa tokko hidhaan na hin mudanne yeroo tokko qofa hidhattooni al asaad na qabanii akka ani shaanxaa koo hiiku na ajajan yeroo hiikamu shaanxaa koo keessa kan jiru nyaata fi qur’aana fi uffata koo qofa ture ”

eeessa deemutti jirta?? naan jedhan hajjii gochuuf gara makkatul mukarramaa deemutti jira jedheen akka malee ajaa’ibamanii deemi naan jedhani gadi na lakkisan maqaa rabbiitin imala koo itti fufe mana kootii erga bahee ji’a 11 booda dachii saudi arabia keessa ijjadhe

Dadhabbii koo hunda irraanfadhe jireenya koo keessatti guyyaa ani itti gammade yeroo saudi seene sani !! Bilal Zayed

Advertisements

Eid Mubarak – Pr. Lammaa Magarsaa

Ergaa Baga Geessanii Pirezidaantii MNO Obbo Lammaa Magarsaa Hawaasa Musliimaaf Dabarsan!

Hawaasa Musliimaa Naannoofii Biyya keenyaa Maraan baga idul Adahaa (Arafaa)tiin isin gahe –Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Doktora kabajaa Lammaa Magarsaa

Kabajamtoota Hordoftoota Amantaa Musliimaa Naannoof Biyya keenyaa baga guyyaa eebbifamaa Kanaan isin gahe yoon jechu jaalalaafii gammachuu onnee koorraa burqeeni.
Ayyaanni kun hawaasa musliimaa biratti ayyaana hordoftoonni amantaa Musliimaa ofii isaanii caalaa ollaa isaaniif ,lammii isaaf waan qabu itti qoodu, jaalalaa, tokkummaafii obbolummaa onneerraa madde itti argisiisuudha.

Ayyaanni Arafaa waaqa itti galateeffachaa gochaa badii kamuu itti balaaleeffachaa jaalalaaf miira amantaan qulqullina keessa ofiitii fuula waaqaa dura itti dhaabbataniidha.
Hawaasni Musliimaa naannoo keenyaa ammo duudhaa amantaan alatti aadaa wajji jireenyaafii jaalalaa qabuun naannoo keenya keessatti nageenyiif jaalalli akka dagaagu hundee ta’ee addunyaaf fakkeenyummaa isaa itti argisiisaa jiruudha.

Maqaa koofii maqaa Mootummaan Naannoo keenyaatiin obbolaawwan koo musliimaa naannoo keenya,biyya keenyaafii addunyaa mararra jirtan maraan Guyyaa eebbifamaa kanaaf baga geessan baga geenye jechaa duudhaan jaalalaafii walii yaaduu amantaa kun guyyaa kan walii qabnu walii qoodaa hiyyeessa bira dhaabbachaa kan rakkateef irkoo,kan dhibameef fayyaa kan walloleef araara ,walii walii keenyaaf,ollaa keenyaaf Naannoo keenyaaf biyya keenyaaf hawwii gaarii itti ibsanuudha jadheen amana.

Keessattuu Ayyaanni baranaa ayyaana walqixxummaaf tokkummaan mirga namoomaafii amantaa Naannoof biyya keenyaa qixxee itti kabajamee miira obbolummaaf jaalalaa biyyattiitiin jijjiirama roga maraa keessa itti argamu tahuun isaa gammachuu addaa kan nutti uumuufii naannoof biyya keenyaaf badhaadhina itti hawwaa jirruudha jadheen amana.

Yaa tahu malee jijjiiramni wareegama qaqqaalii lammiin dhufe kun kan hin liqimsamneef miidhagina keenya kana booreessuuf sababii adda addaan nu gufachiisuuf itti wixxirfatan keessatti argamna
Kana ammo hawaasni Musliimaa keenya dura dhaabbachuun saaxilaa olaantummaan seeraa naannoo keenya keessatti akka mirkanaawuufii jaalalaaf haqummaan amantaan keenya nu dhaalchise hojii akka jijjiiraa deemnu shakkii tokko hin qabu.

Kanaaf yeroon kun yeroo wal bira dhaabbannee tokkummaa keenya itti cimsannu waan ta’eef Mootummaan Naannoo Oromiyaa Hawaasni musliimaa keenya Duudhaan Obbolummaaf Nageenyaa Amantaa Musliimaa hawaasa Naannoo keenyaaf hundee tahe kun akkuma kaleessaa harraas nageenyaafii badhaadhina naannoo keenyaaf akka oolu,Miirri jaalalaafii wajji jireenyaa keenya akka dagaaguuf tumsa walirraa hin cinne gochaa jiruuf hawaasa musliimaa keenya carraa Kanaan galateeffachuun barbaada.
Kanaaf akkuma kaleessaa Nageenya naannoo keenyaa mirkaneessaa guddinaaf badhaadhina Naannoof biyya keenyaaf yeroo kamuu caalaa beekkomsa ,dandeettiif qabeenya qabnuun tumsa walirraa hin cinne akka taasifnu carraa Kanaan ergaa koo dabarsaa ayyaanni baranaa kan jaalalaa nagayaafii heegareen biyya keenyaa ifuu jalqabe itti leellisu akka nuuf tahu hawwii qabuun ibsaa
Ayyaana Gaarii!!!!

🌴UD- Hiyyaa

. 🌴UD- Hiyyaa
Mee osoo hajjii hin godhiin Akkaa nama hajjii godhee darjaa tee waan ol Fuudha siif himuu Ud-hiyyaa qaluudha

Dalgaale Akkaan Rabbiitti nama dhiyeessan kessa tokko Ud-hiyyaa qaluudha je’an Nabiin (S,a,w)

🌼Yoo humanitti Kee hajjii gochuu siif hin gayiin Ud-hiyyaa gochuu ni Dandeessa Mana Kee keessa teeyse je’an Ergamaa rabbii (S,a,w)

Ud-hiyyaa jechuun Qalma guyyaa Arfaa qalamuu Ud-hiyyaa Jedhama je’en Nabbiin (S,a,w)

🍃Dalgaale guyyaa Arfaa dalgaman keessa wontii akkaan Rabbiin birattii jaaltmtuu Qalam yk Ud-hiyyaa gochuu dha je’an Nabiin (S,a,w)

1↪🌱Ud-hiyyaan sunnaah Akkaan jabduu taate Ammaas namanii qabeenya qabuu guchuun isaa irraatti Ajaja taatedha je’an

2↪🌱 Ud-hiyyaa gochuun sunnaah Nabii Ibraahim jabeessudha je’an Rabbiin nabii Ibraahim (A’S) fitinaa 10 Isa fatanee hundaa darbee 10 ffaa irraatti mucaa Kee naaf Jecha qalii je’an mucaa isaanifuu qaalii Kan Amata meeqa booda argatan akka ijaa isaanitti ilaalu rabbiin qaalii je’an Nabii Ibraahim (A’s) Tole je’anii mucaa isaanii qaluuf erga ciibsanii Rabbiin Hoolaa Akkaan gabbataa Kan Amata 40 Jannata keessa turee rabbiin Bikka mucaa isaani buusef Mucaan isaanii Qalma jalaa hafee
Nuttis qalma guyyaa arfaa qalluu Sunnaah San jebessuuf je’an Nabiin (S,a,w)

3↪🌱 horriin guyyaa San qalmuu fayyaa tayuu qaba Kan dhibee takka hin qabnee Kan qaama irra milkiita takkaa hin qabne
fkn 🎤 lukkan Kan okkolu tayuu hin qabuu ❌
Kan ija takkan hin arginee ❌
Kan bolooqa tayee ❌ wolumaa galatti worriin atti qaltu sun fayyaa ammas gabbataa tayuu qaba ykn sirra hin qeebalamuu je’an Nabiin (S,a,w)

4↪🌱 Umriin horrii atti qaltuu suniis Akkaa suura irraatti argitaan Kan tayuu qaba jechuudha Ammas namanii Ud-hiyyaa qaluu hangaa guyya Arfaatti rifeensa qaama isaa Irraa takas buqqiisu ykn haadu hin dandayuu qeensa murachuu hin dandayuu isaafii maatiin isaas je’an Nabiin (S,a,w)

5↪🌱Yeroo Ud-hiyyaa qalan Ergamaa rabbii (s,a,w) akkana jedhan Ud-hiyyaan Kan qalamuu salaata Idaa booda erga salaatee deebitee booda qaluudha jedhan yeroo Kan boodas ykn dursa yoo Kan qaltu tayee ❌ Ud-hiyyaa isaa Irraa hin qeebalmatuu je’an

6↪🌱 Ud-hiyyaan Gammachiftuu qalbii muslimaatti je’an guyyaa Arfaa Kan Hiyyeeesaa Fi dureessilee itti gammadu Tanaafuu Namnii guyyaa san misikiina Nyaachisee Ajrii akkan jabduu argata je’an Nabiin (S,a,w)

Rabbiin Isiin Irraa haa qeebaluu inshaa Allaah
Sher godhii keeyrii tana obboleessa keetin gayii

Barakallaahu fiikum nati tole copy godhe

Muummichi Ministeeraa Mootummaa Federaalawaa Rippabilaka Demokraatawaa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad haala yeroo ilaalchisee ibsa kennan.

Muummichi Ministeeraa Mootummaa Federaalawaa Rippabilaka Demokraatawaa Itoophiyaa Dr. Abiyyi Ahimad haala yeroo ilaalchisee ibsa kennan

Kabajamtoota ummattoota biyya keenyaa!

Yeroo dhiheenyaa asitti jijjiiramoonni bu’uuraa abdii namatti horan biyya keenya keessatti galmaa’aa kan jiran ta’ullee, qixuma sanaan ammoo jijjiirama jalqabe bal’inaa fi gadi fageenyaan akka itti hin fufsiisne haalonni gufachiisoo fi jijjiiramicha kallattii gadhiisisan heddummaachaa dhufuu isaanii hubachuun ni danda’ama.

Itoophiyaanonni hundinuu akkuma hubachuu danda’an, biyyi keenya Itoophiyaan biyya qaroomina duriitiin guddummaan ishii galmee seenaa keessatti miidhaginaan baraa’eef, Sirna mootummaa fi caaseeffama bulchiinsaa akkasumas, seeraa, sirna haqaa fi safuu hawaasummaa ittiin bulmaataa mataa ishii kan qabduufi hanga har’aatti guddummaa ishii eegsistee birmadummaan biyya fullaatedha. Sirna bulchiinsaa mootummaa giddu-galeessaatiin alatti sirnoonni mootummaa aadaa hawaasaa kutaalee biyyatti keessatti argamaniin bocamaniin mootummoonnii fi ummattoonni seera sirna aadaa kana keessaa madduun daanga’anii walbulchaa turaniiru. Ummattoonni biyya keenyaa hundinuu aadaa, duudhaa fi mammaaksa fayyadamanifi callaqqeen isaa sirna haqaatiif ulfina guddaa akka qaban hubanna.

Waliin jireenyii fi waldanda’uun taatee hammeenyaa keessattis ta’e yeroo gammachuu duudhaa ibsituu ummattoota keenyaa ta’ee fulla’eera. Biyyi keenya tokkummaa ishii eegdee dhalootaa gara dhalootaatti darbuu danda’uu ishitiif iccitii guddaan seenaa boonsaa ibsamni isaa tokkummaa fi waldanda’u ta’e kana. Duudhaan waldanda’uu, gamtoomuu, waljaalalaa fi tokkummaan bu’uura cimaa qabuu fi sanyummaafi amantiidhaa ol ta’e kun, seenaa kufnee itti kaane hunda keessatti yeroo tokkollee nu biraa dhabamee kan hin beekne ibsituu eenyummaa keenyaati.

Itoophiyaa keessatti demokraasii fulla’aafi wabummaa qabu akka mirkanaa’u, guddinni hawaas-dinagdee keenya akka mirkanaa’uuf, hawaasa siyaas-dinagdee tokkoo fedhii ummataa fi ol’aantummaa seeraa bu’uura godhate ijaaruuf, kana gochuuf ammoo mirgi dhuunfaa fi garee garaagarummaa tokko malee akka kabajamu taasisuufi kanaafis kan barbaachisu bu’uura heera mootummaatiin dirree siyaasaa mijaawaa uumuu barbaachisadha.
Bu’uura kanaan tarkaanfiiwwan ji’oottan afaran darban keessatti fudhachaa turre hanga tokku ummanni keenya afuura akka fudhatu kan taasise ta’ullee, gaaffilee bu’uuraa haqaa, demokraasii fi ol’aantummaa seeraa deebisuudhaan walqabatee ammallee hojiiguddaatu nu eeggata.

Waggoottan darban keessatti seera akka meeshaatti fayyadamuun bittaa gaggeeffamaa tureen walqabatee rakkoolee kuufaman sirreessuuf tarkaanfiiwwan fudhataman keessaa tokko lammiilee fi jaarmiyaaleen siyaasaa da’annaa seeraatiin seera malee himatamanii mana sirreessaa turan adeemsa dhiifamaatiin akka gadhiifaman taasisuudha. Adeemsa kana keessa osoo jirruu qormaanni si’ana nu mudachaa jiru bilisummaa fi al-seerummaa adda baafachuu dadhabuurraa kan ka’e, gochaa fi sochiiwwan ol’aantummaa seeraa hin safeeffanne babal’achuu isaaniti.

Rakkoon qormaata ol’aantummaa seeraa ta’e yeroo ammaa mul’achaa jiru, seeraaf bitamuudhaaf hayyamamuu dhiisuu qofa osoo hin taane, tarkaanfiiwwan miiraa fi jibbinsaan fudhataman, seera akka fedhii ofiitti dabsuun mortoo seera dhabeessa hoomaadhaan kennamu hunda dabalata. Gochaawwan kunneen naannoo tokko, saba, afaan, amantii tokkoon kan daanga’an waan hin taaneef, nagummaa biyyaa fi lammiilee sadarkaa ol’aanaadhaan qoruurratti argamu. Waan ta’eefis, mortoowwan seera dhabeessi hoomaadhaan socho’uun asii fi achiitti raawwataa jiran heddummaachaa dhufan, akka biyyaatti fulla’uuf sadarkaa yaddeessaarra gahaa waan jiraniif, hatattamaan sirrachuun akka isaanirra jiraatu mootummaan amantaa cimaa qaba.

Sochiiwwan riifoormii sadarkaa biyyaalessaatti jalqabe, adeemsa dhiifamaa, walabummaafi haqaa karaa faalleesseen gochaawwan ajjeechaa, qabeenya mancaasuu, qehee fi qabeenyarraa buqqisuu namoota dhuunfaa muraasaan akka feeteen raawwatamaa jiru, nageenya ummataa, walabummaa fi wabummaa jireenyaa bu’uurarraa diigaa jira waan ta’eef, kanaan booda gochaawwan akkasiitiif mootummaan obsa akka hin qabne qaamoleen hundinuu hubachuutu irra jiraata.
Demokraasii adeemsa guddinaarratti argamu keessatti kan argamnu ta’uurraa kan ka’e, fedhii ummata keenyaa bal’ina qabu guyyaa tokkotti furuun kan hin danda’amne ta’ullee, daandii sirrii fi abdii namaaf kennu keessatti kan argamnu ta’uu isaarraa kan ka’e, kanaan booda haala kamiinuu adeemsa kasaaraa fi al-demokraasummaa akka deebi’uuf hin hayyamnu. Akka duudhaattis, adeemsi walabummaa, nageenyaa fi badhaadhinni hawaasummaa mootummaan tarkaanfachiisaa jiru, dirree siyaasaa al-seerummaa fi fincila obsaan ilaalu keessatti mirkanaa’uu akka hin dandeenye hubatamuu qaba.
Waan ta’eefis, biyya keenya keessatti miraa fi walabummaa lammiilee mirkaneessuufi wabummaa qaamaa, lubbuu fi jireenyaa isaanii tikuuf meeshaa inni ol’aanaan sirna heera mootummaa humna guutuudhaan kabachiisuu waan ta’eef, sirnaa fi hojimaata namni ol’aantummaa seeraa yommuu cabsu ittiin gaafatamu diriirsuu fi hojiirra oolchuun akka lammii fi biyyaatti hunda keenyaaf dhimma filannoo osoo hin taane dhimma fulla’uu fi fulla’uu dhiisuu waan ta’eef, lammiin Itoophiyaa hundinuu mootummaa cinaa dhaabachuun tumsa irraa eegamu akka taasisu waamicha koon dabarsa.

Qaamoleen nageenyaa mootummaafi aanga’oonnis ol’aantummaan seeraa namoota dhuunfaa fi gareedhaan yommuu cabu, maal-dhibdeedhaan ilaalurraa of qusachuun kabajamuu ol’aantummaa seeraatiif humna guutuudhaan akka sochootan hubachiisaa, rakkicha bu’uuraarraa hiikuuf ammoo, qabsoon walqixxummaa fi haqa-qabeessummaa siyaas-dinagdeef taasifnu, safuu hawaasaa fi barsiifataalee amantii waliin kan wal-deeggare akka ta’uuf, abbootii amantii, hayyoota, jaarsolii biyyaa, dursitoota gosaa fi aadaa akkasumas, qaamolee hawaasaa gara garaa irraa hojii bal’aan akka eegamu cimsee isiin hubachiisuun barbaada.

Hundaa olitti yaayidaa dhuunfaa fi garee keessan karaa nagaahaatiin kabachiifachuu osoo dandeessanuu, gochaa farrummaa yakkaa fi nageenya booreessuu irratti bobba’uuf qaamoleen yaaddan, gochaa keessan irraa akka of qusatan isin hubachiisaa, kanarra cehuun qaama nageenya ummataa boreessu, ummataa fi ummata walitti buusuu fi gochaa al-seerummaa bobba’ee argame irratti bu’uura seeraa eegee tarkaanfii barbaachisaa ta’e fudhachuuf ejjennoo cimaarratti akka argamu hubachiisuun barbaada.
Itoophiyaan ifaajee ijoollee ishiitiin sodaattamtee fi kabajamte bara baraan yaa jiraattu!!
Waaqayyoon Itoophiyaa fi ummata ishii yaa eebbisu!!.

Asoosama Gabaabaa – Naanii Kutaa 1ffaa

ASOOSAMA GABAABAA, ‘NAANII’

KUTAA 1FFAA

Guyyaan isaa Wiiyxata ture. Dilbanni darbee, Buusaan bahe. Wiiyxanni bari’ee, yeroon guyyaa ta’e. Dhiha barii lafaa, akka uumaa duraa, Saafeenni as garagale. Miilli biiftuu dhiha irraa gara bahaa deebi’ee gadi rarra’e. Lafti diddiimattee, galgalaayee jira. Jabbileen ni mar’atti, Waasho mar’ataa hanboohaa jedhee waatii isaatti fuula garagalchee akka waan duubaa Soonsi iddeetti gara da’oo fiiga. Yeroo lafti galgalaayu Qe’een Baadiyaa loowwaniin faayamti. Karti hundi gaaddisaa fi Gaaddiddu qabdi.
Da’oon namiituu mar’ata jabbii fi waca Simbiraatin qalbii namaa hawatti. Loowwan ni mar’ata, namoonni sagalee waca lallabaa heddumeessee jira. Karri teenna cufa moo gari gale jedhanii wal gaafatu. Keenna cufa gale jedha warri bobbaan isaanii marri galeef. Keenna gari hafe jedha warri waa alatti jalaa hafe.
Mukkeen gurguddaa fi haafa isaa irratti wal geettee Simbirri gosa hedduu “Ciwuu ciwuu ciwuu” jedhaa jirti.
Weenni lagaa ni Korrisa, Qamaleen qasaatii itti dhaabde. Raachis forrooqu eegalee, Waraabessi Baddaa shaagala irra jira. Kan ganama bobba’e hunduu gara qe’ee isaatti galee, kunis galuufi.
Uggum Yaa qananii, faaya, kalaqama, miidhagina baadiyaa jedhaa deemti qalbiin koo takka.
Takka immoo Yaa rabbii! Eessa gaha?, maal arga jedhaa jirti.
Qalbiin koo akkuma Odaa Oromoo kan Alaabaa Dh.D.U.O bakka lamatti na qoodamtee hafte. Odaanuu Siyaasaan addaan bahe, anillee Siyaasaan qalbii koo deeffadha jedhaa; akkuma jaartii gabaa baatee aduun dhiyaa itti kalooftee, deemsa koo shulshul jedhaa itti fufe. Lafti golgolaayee, biiftuun lixaa kaatuus garuu Korbeessi keenna har’allee hin galle. Hanga bades guyyaa muraasa bubbuleera.

Naaniin Sabaree shaabbeen irraa Shambaa, Shambaa, jedhu qabattee, Gaadii fudhatte gadi baate. Sa’a elmaa haadha isii kaameetti jalatti baratte. Saawwan warra naanii keessaa Waasho gaadii malee, hin elmamu. Naaniin yeroo saawwan elmitu saawwan hin gaadi’amne (gaadii hin qabne, gaadii malee elmamu) elmaa turte. Har’a warri Naanii bakka cidhaa waan deemaniif; Haati Naanii Ashoo aashilaa taphatanii, Abbaan Naanii Jaarsummaa dubbataa waan oolaniif lafti ni furattii galiinsallee ni turan. “Dhaddacha dhaban garbitti Sirban” jedha Oromoon, jedhan aabbaan jedhaa, ‘Gaafa kan tare abbaa biyyee, kan jiru Abbaa biyyaa’ waan jette fakkaatti Naaniin. Mammaaksa abbaan Afoolaan barsiisan hojiitti hiiku eegalte. Horii gara moonaa (mooraa) ol nayxee, jabbilee gara gooruu galchitee elmaaf manaa baate. Intala warra Baala-abbaata, harki bitaa Sabaree, kan mirgaa gaadii ‘Shalal, walal’ jedhee jabbiilee takka takkaan gadi yaaftee elmaaf qophoofte. Haga Waatiyyoon Xichaa hodhuu Gaadii fi Sabaree dareeraa mooraatti fannifattee sa’a bira dhaabatti.

Naaniin yeroo Waashoon Gaadi’uuf gadi jettu, Waasho kaleessuma birrii hoosifatee mj’eeffatee, mucaa “Kumudee” tana jifatee lafaan dhahe. Hojji Naanii sololee, qaamni isii billaachumatti irkata. Reefu ganna kudha lama (12) guutti. Naaniin ijoolleedha, guntuta quqquysaa jirti. Guntutaayyuu hin baafne. Laga buutee Qurxummii Raachaa qabdee harma ufii hoosifti. Saani lafatti darbinaan sagalee durbaa (isii) qal’oo saniin “Uuuyyyiiii” jette. Yeroo kana anillee korbeessi keenna hobobee waan badeef isa soqaa, fuullee warra Naanii bira gaheera. Sagaleen iyyiinsa narra baate. Ahh maalinni?, eessa jedhee qalbiin caqase. Ammas itti deebitee “A’aa” jette. Amma ‘tataraf’ jedhee gara naanii fiige bira gahe. Naaniin intala qal’oo bareedduu kan nama hundaan na daawwadhaa jedhu miidhaginni isii. Bareedduu Oromiyaa dargaggootaaf taate. Anilleen akka tasaa argee lapheen koo nanahe. “Itti deemee ol qabuu?”.
“Lakki dhiisi.”
“Eeyyee ol qabi ilma namaati bar.”
“Akkamitti?, maal jedhee, olqaba?.”
“Bakki jiru Qe’ee namaa, sanuu Dubartii, keessattu Shamara him him.!”
Garuu akka malee sodaadhe. Sodaa warra Naanii caalaa sodaa jaalalaa, naasuu hafuura na kutu guddaa isaatu natti dhagahame “Uuuffff” haara baafachuus hanqadhe. Ammas lapheen koo ajaa’ibaatti na didibbisaa jira. Afaan mummu’amaa tokkoon itti laafee, “Mama maamaal taate?”, ol jedhi an haa jigu si dura” jedheen. Akka waan itti fiiguu ta’ee suutuma lafarra itti achi shunquqaa. Waan akka maleetti barcaq jettee kufteef. Baay’ee garaa na nyaatte. Imimmaan dhanquun gannaqaa jirtu, ana agarraan ufirraa haayxe. Garaa keessaa ol burqa waan ta’eef, akka copha Fincaa’aa Qilee Waabeetti fuula isii irraan Imimmaan gadi xoxa. “Ahh Yaa rabbii koo,” dafee ol qabe. Ijji isii akka hangaasuu billic natti jettu malee, soddomni isii natti hin dubbatu. Gurri isii waan na dhaga’aa jiru anillee sehaa hin jiru….

Itti fufa. . .

Muhammad Bin Salmaan…

Muhammad Bin Salmaan “Falasxiinonni yaada Donaald Traamp haa fudhatan yookaan haa callisan” jedhe.
Odeeyfannoo
May 01/2018
____
Dhaaltuun Goonfoo Sa’udii Muhammad Bin Salmaan ji’a dabre keessa Garee Yahuudoota Ameerikaa waliin marii dhoksaan geggeesse irratti “Hooggantoonni Falasxiin yaada araaraa Ameerikaan nageenya naannichatti buusuuf akka furmaataatti dhiheessitu dirqama fudhatuu qabu yookaan ammoo caallisuu qabu” jechuun akka dubbate Midiyaaleen Isra’eel gabaasan.

Akka gabaasichaatti Muhammad Bin Salman, Walgahii dhoksaan baatii darbe keessaa hooggantoota gareelee Yahuudota Ameerikaa keessatti argaman waliin magaalaa Niwuyoork keessatti geggeese irratti, Prezdantii Falasxiin Mahmuud Abbaas qeeqaa ture.

Muhammad Biin Salmaan “Yeroon kan Falasxiinonni yaada furmaata ni taha jedhame itti fudhatanii fi walii galtee irra gahuufis itti marii godhaniidha; yoo didan immoo afaan isaanii haa qabatan” jedhe.

Dhuma waggaa darbee keessa Prezdantiin Ameerikaa magaalaan ALQUDS magaalaa guddoo Isra’eliiti jechuun labsuun isaa ni yaadatama. Muhammad Bin Salmaan immoo prezdaantiin Falasxiin Mahmuud Abbaas akka murtii kana qeebalu dhiibbaa irratti godhaa kan ture yoo tahu, Prezdant Mahmuud Abbaas Labsii Traamp kuffisuun, amma booda Ameerikaan Nuuf Isra’eel jiddutti jarsummaaf hin hirmaattu jechuun dide.
_
NuuralHudaa
Soora Qalbii Muslimaa
https://t.me/nuuralhudaa